Gaafiwwan yeroo baay’ee ka’an

Namoota odeeffannoo kennaniif eegumsi ni godhamaa?

Unki odeeffannoo itti laataniin iccitoomafi maqadhableedha. Kanas mikaneessuuf jecha maqaa namoota unkicha guutanii gaafiin gaafatan hinjiran. Unkicha wayta guuttan odeeffannoo enyummaa keessan adda baasuuf fayyaduu danda’u akka hinlaanne isin gaafanna.

Fuula odeeffannoon itti kennamu kana ilaaluu fi unkichas guutuu koo hojjetoota Kaka’uumsa Walsimsiisa Adunyaa (KWA) dabalatee namootni biraa beekuu danda’an jiru?

Kaadimaan interneetii KWA teessoo addaa kompitara isa daawwatanii sassaaba. Teessoon addaa kuni (magaalaafi biyya dabalatee) meeshaalee interneetii fayyadamaa jiran kan adda baasuufi gabaasees ittiin kuusudha. Teessoon kuni qaama tajaajila interneetii kaffalus kan dabalatuudha. Kana waan ta’eef odeeffannoo nageegnya nyaataa kan kennitan koompitara dhuunfaa keessaniin yoo ta’e, koopitarri keessan dhimma kanaaf ooluun isaa irra gahama ta’a, garuu eenyu akka itti fayyadame hinagarsiisu. Kana waan ta’eef kompitara yookin bilbila dhuunfaa keessan dhimma kanaaf fayadamuu osoo dhiifatanii koompitaroota waloo kan akka kaaffee interneetiitti argamanii fa’atti haajaa bahuutu filatama. Itti dabalataanis koompitara dhuunfaa keessanirattis mantagoo ykn cindaa fagoo (abjataatti) (Virtual private network (VPN)) fayyadamuu yoo dandeessan gaariidha. Kunis mosaajjii fayyadamaa yoo ta’u yeroo interneetiitti fayyadamtan teessoo addaa kompitara keessani toora biraatti naannesuun nageenya fooyyaa’aatiin eenyummaan keessan osoo hinbaramiin akka turtan isin dandeessisa.

Dhaabni na qacare toora interneetii odeeffannoo rakkoo nyaataa ittiin kennamuu kana daawachuu kiyyafi unkichas guutee erguu kiyya beekuu ni danda’aa?

Dhaabbileen gargariin kompitaroota isaanii keessa inni kum toora interneetii rakkoo nyaataa ittiin gabaafamuu kana akka seenaniifii eenyus akka itti fayyadamu irra gahuu danda’u. Kana waan ta’eef yeroo rakkoo nageegna nyaataa gabaastan ofeeggannoowwan barbaachisan akka armaan gadiitti isiniif dhiheessina. Sirriitti ilaalaa:

  1. Bilbila ykn kompitara bakka hojii (kan qacartoota) keessaniitti hinfayadaminaa
  2. Interneetii bakka hojiiiit hinfayyadamina
  3. Caancalaa dhuunfaa (private tab) ykn foddaa eenyummaa hinargisiifnee (incognito) qofa osoo fayyadamtanii seenaa iyyaafannoo keessatti akka hinkuufamne gargaara.
    • Chrome: Window, Linux ykn Chrome OS yommuu fayyadamtan: Ctrl + Shift + n dhiibaa (tuqaa); Mac: yoo fayyadamtan immoo ⌘ + Shift + n waluma faana dhiibaa (tuqaa).
    • Firefox: Window, Linux ykn Chrome OS yommuu fayyadamtan: Ctrl + Shift + p dhiibaa (tuqaa); Akkasumas Mac: keessatti ⌘ + Shift + p tuqaa.
    • Safari: Mac irratti wayta fayyadamtanis ⌘ + Shift + n waluma faana dhiibaa
    • Edge: Window fi, Linux: irratti yommu fayyadamtan Ctrl + Shift + p tuqaa, Mac: irratti ⌘ + Shift + n dhiibaa

Ofeeggannowwan kanniin yoo siirriitti gootan unka raakkoo nageenya nyaataa kana guutuufi erguu keessan namuu beekuu hindanda’u.

Unki odeeffannoo rakkoo nageenya nyaataa itti kennamuun kuni kuukiitti fayyadamaa? Anallee maqeessuu danda’uu?

Toorri interneetii dhimma kanaaf qophaa’e kuni kuukiitti hinfayyadamu

Odeeffannoon ani unka kanarratti guutu kunniin qama sadaffaatiin butamuu ni danda’aa?

Odeeffannoon interneetirratti butamuu kan danda’u yeroo muraasa qofaaf yoo ta’u odeeffannoon keessan woyta kaadimaa keenyatti ergamu, qabiyyeen unkichaa battalumatti HTTPSdhaan icciteessamee kuufama waan ta’eefi yeroo hattoonni butuuf yaalanirree qabiyyicha gara jechootatti jijjiiruu hindanda’ani.
Unkichi gara KWAtti erga dabarfamee booda kophaatti baafamee eenyummaafi teessoo namootafi kompitaroota erganii irraa bilisa ta’ee kaadimaa addaatti aangoo Gamtaa Awuroopaa fi seerota isaanii jalatti waan kuufamuuf, odeeffanoon kuni enyumaafi teessoon haalli itti walqabatu hinjiraatu.

Odeeffannoon ani ergu akkamitti tajaajilarra oola?

Odeffanoon maqadhablee kuni garee ogeeyyii nageegna nyaataa KWA muuduun madaalaman. Ogeeyyiin kuni rakkoon kuni haalan qoratamuu qaba murti jedhurra gaafa gahan angawoota biyya dhimmi ilaallatuutti qorannoon akka taasifamu dhaamsi dammaqsuu ni ergamaafi.